Hiika Jaalalaa



Hiika jaalala yoo barbaade nama jaallate dhabe gafadhu

Maal godheen jaalala kee obsaa?

Siwaliin jiraadheen onneekoo quubsa 

Jaallattuuf ulaagaan kee jaalala malee:

Qabeenya isaa ykn ishee miti 

Bifaa isaa ykn ishee miti 

Gahee hojiisaa ykn hojii ishee miti 

 Gosa ykn qomoo isaa ykn ishee miti 

Bakka jireenyaa isaa ykn ishee miti 

Maatiif firaa isaa ykn ishee miti ...

Namaa jaallattuuf ulaagaan kee jaalala ishee qabachuu kee ykn jaalala isaa qabaachuu kee qofaadhaa.

Namni tokko yoo sii jaallatee ykn sii jaallattee gaafa sitti dhiyaattee ykn sitti dhiyaatee jaalala nama sanaa hin barbaaddu yoo ta'e nama sana hir'dhinaa isaan arrabsitee deebii hin deebisiiniif.sababni isaa namni kamuu umamman hir'dhuu wani taahe tokko wani ofirraa qabuuf jechaa. 

❤️Dhiirri tokko gaafa shammarree tokko jaallatu dhiira sana shamarreen kan biraa isaa jaallatee isa barbaadu hin dhibdu, 

❤️Akkasumas shamarreen tokko dhiira tokko jaallattee yeroo dhiira sana wajjin taatu shamarree sana dhirri jaallatee ishee barbaadu hin dhibu 

garuu bakka onneen jiru malee yaanni nama hin dhaabuu.Dhiirris ta'ees dhalaan bakka jaallatetti argamuu waan barbaaduuf Kan onneen isaa barbaadu jaallata.

❤️Kan si jaallate qofaa jaalladhu #kani sijalattee malee ofii kee kan jaallatu siif milkaa'uu dhiisuu danda'a.

 ❤️Guyyaa wayii walitti buutee gaafa ati deemtu, deemikaa duuras situ dhufe ammas situu deeme dantaa kee siin jedhee

 ishee onnee isaa keessa jirtu search gochuu eegala.... 

Fakkeenya wayiin isiniif hima , meeshaa gaatii mi'aan bitamee tokko bakka gaarii ol kaawwama garuu meeshaa gaati  "#rakasaan "bitame immoo bakkuma argametti darbatama. 

❤️Kanaafuu dhiirri kan ofii isaa #jaallatee ittii dadhabee argatte yoomuu ishee dhabuu hin barbaadu.

 isheef bakka guddaa qabaata sababa ofii isaa jaallateef. 

❤️Yoomiyyuu taanaan shamarree tokko gammachuun kan jirachuu dandeessuu dhiira ishee jaallatetti heerumuu isheeti 👫


.#Jaalala_Jechuun......??

Harkisa dachee caalaa

Kan ofitti nama harkisuu

Onnee Jaalalaan madaa'e

Walitti suphee kan fayyisuu

Wal'aansa Dookteerii caalaa

Kan onnee namaa gargaaruu

Onnee jaalalaan waadamee

Al-takkaan dhufee kan maaruu

Onneef boqonnaa laatee

Siin kan qabbaneessuu

Hadhaa'aa akka eebichaa

Jaalala kan mi'eessuu

Jaalala jechuun moo'aadha

Waanuma hundumaa caalaa

Meeshaa tokko maleessaa

Isatuu onnee namaa dhaalaa

Waan abidda caalaa boba'uu

Kan gaachannii isaa labataa

Namni jaalalaan qabamee

Utuu arguu abidda qabataa

Ofii koorraa kaaseen beekaa

Waan Jaalallii nama godhuu

Halkaan dhugaa fakkeessee

Gaafa garaa nama raasuu

Jaalala jechuun summiidha

Summii kan bofaaf  lootii

Jaalalli baayyee gadheedhaa

Hirbaata qorraa nama gootii..

Utuuma waan tokko dhugiin

Akkasiin si ajjeessa machituu

Halkaanif guyyaa hin jettuu

Kan onneen si maraachituu

Jaalalli hundumaaf moo'uudha


Eenyuutu jaalala moo'uu yaalaa

Gaafa sirritti teessee itti yaadduu

Jaalallii waan hundumaa caalaa...👈

Jaalala jechuun gubaa abiddaatti

Kan yeroo bonaa bosona waaduu

Jaalala jechuun wareersaadha

Kan hirribarraa nama gaaduu

Shamarraan kaminuu jaallannan

Jaalala kee ibsii itti obbaafadhuu

Hiikaa jaalala baruu barbaannaan

Nama jaallatee dhabe gaafadhuu.

waan dubbistaaniif Galatoomaa!!!

Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post