Paaswordii Wifi Huawei Akkamitti Jijjiruu dandeenya?

 

Wifi Erga galfannee booda yeroo bay'ee paaswordii isaa jijjiruudhaaf ni rakkanna.karaan ittiin jijjiramu toora intaarneetii kanneen akka yuutubii fi Guugilii irratti barsiifamus sababa afaan Oromootiin hin barsiifnee fi akkasumas Meeshaan gargaaraa dhabbata teleekomii garagaraa irraa waan taheef nama rakkisuu danda'a.

Mee  Router Huawei jedhamu kan itiyoo teleekoom  tartiiba armaan gadii kanaan wajjin haa ilaalu.

Tartiiba 1ffaa:browser  Opera, Chrome fi Firefox  f kkf bantu.

Tartiiba 2ffaa :Ip address galchitu:192.168.100.1

Tartiiba 3ffaa :iddoo user name fi password jedhee fidu kanatti  isa armaan gadii kana galchitu.

  • username: telecomadmin
  • Password:admintelecom



Erga galchitaanii booda Login jettu
Tartiiba 4ffaa :"Advanced" bakka jedhu irratti cuuqaftu.
Tarttiiba 5ffaa: "WLAN"  bakka jedhu irratti cuuqaftu.
WPA Presharedkey bakka jedhu kanatti paaswordii ofii keessaanii galchitu.
Tartiiba 6ffaa :"Apply" jettanii xumurtu.Amma Wifi keessaan Paaswordiin isaa jijjirameera jechuudha.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!!






Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post