Jireenya kootti Aaree
Yoon of abaaree kaheeBorii koo fooyyeffachuuf
Nan argadhaaree gahee
~
Lakki of hin abaaruu
Jireenya dhumtuu kanaaf
Lakki anoo nan obsaa
Hin jarjaru ammaaf 🙏
Rabbumattin deebisa
Cufa waan na rakkisee
Anoo ofin abaaruu
Isa kadhaa lakkisee.
Atis obboleessoo
Yoo taate akka kiyya
Jiruun silaan guutu
Hin tahu akka niyyaa
Yoo gar tokkoon guute
Kaaniin ni dhimmisaa
Rakkoon yoo baayyates
Borii keef si cimsaa
Hasbunallah jedhii
wani'imal wakiiluu
Rakkoo kee hundumaaf
Siif jira jaliiluu
Abshir obboleessa koo
Of hin abaarin aartee
Ol qabadhu mataa kee
Gadin jedhin maal taatee?
mataa kee ol qabadhu
Gadin buusin boquu kee
Kaleessa keetti aartee
Hin balleessin boruu kee
Kaaliqa kee kadhadhu
Isatu qabaa hundaa
Inni naman gatuu
Isa kan namaa jalatuu.
Tags
Gorsa Hayyootaa