Akkamitti Paaswordii Wifi beekuu dandeenya?

 wifi karaa command prompt jedhamuun fayidamnee paaswordii isaa beekuu dandeenya .

tartiiba armaan gadii kana fayidamna.

1ffaa: koompitara keenya irraa command prompt baana


2ffaa:"Netsh wlan show profile " jennee barreessina erga nuti barreessinee booda wifi jiru kan dura koompitara keenya irratti guutame hundaa nuuf fida.

3ffaa: Netsh  wlan show profile maqaa wifi paaswoordii isaa barbaanuu itti ansinee Key=clear jenna.

fakkeenyaaf:maqaan Wifi keenyaa  "Oronet"  haa jennu.

         Netsh wlan show profile Oronet key=clear.

jennee erga barreessinee booda koompitaara irraa mallattoo Enter jettu gadi qabna.

Barreeffama kana fakkatu Erga nuuf bahee booda bakka Key content jedhu fuula isaa bakka adii sanitti paaswordii wifi nuuf muldhisa.

Halaa kanaan paaswordii wifi keenya argachuu dandeenya.

waan dubbistaniif Galatoomaa




Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post