Gorsa Jireenyaa

 




Ofumaa gaafa waan yaadaan bilchinaa qabnu nutii fakkaatu.

  1 namoota sabaaba gahaa tokko malee

  •        Ni qeeqna
  •        Ni ceephaana
  •        Itti murteessina
  •        Ni tuffaanna

Kun bilchinaa keenya ibsa osoo hin taane wallaalumma keenyan of-tuulu keenya ibsa. 

2 Namoonni osoo dubbaatani afaani hin fiixin dubbii isaani addan kuchiisifna. Of qofaf haasa'u barbaanna. Namoonni hangaa keenya hubaato waan nuti hin fakkaannef wanti namoonni biroon godhan ijaati nun bu'u(nutti hin mul'atu). 

3 Waanuma hundumaaf ibsa kennu barbaanna-- Waan hundumaaf beekumsaa waan qabnu nutii fakkaate. Bilchinni sirriin garuu waan beeku of keessaati qabachuun waan namni biraan hamma beekuu godhu immoo obsan ilaalcha gaariin ilaalee fudhaata. Bilchinni yaada ogummaa qabus of keessa qaba. Waan hundumaaf itti yaadu akka qabnu nu yaadachiisa. 

4 Warra nu gorsaanifi maaf akkas gootee jechuun nu qajeelchan

  •        Itti qabaamna.
  •        Ni jiibbinaa.
  •        Irra fagaanna. 

Namoonni utuu nutii hin gaafatin dhimmaa haalaa hojii keenya ilaalchisee, waa'ee jireenyaa keenya ilaalchisee ofumaa lafa kaa'ani waamani nu gorsan waan nu jaallatanif. Namoonni akkasi jaalalaaa dhugaa nuuf qabu. Amala jaalalaa keessa tokkowaa'ee waliif itti gaafatamumma fudhaatani waliif dhimmuudha. Namni jaalalaa malee kallaatti gaarii akka qabaattuf si qajeelchuf garakee hin dhufu. Jaalalli namni nuuf qabu sirridha kan jennu gaafa inni waa'ee keenyaf waan gaarii akkasi yaaduudha.

5 Waan ofii goonuufi haasofnu sirridha jenne kan warra bira immoo cubbaama goonaa. Kun bilchinaa miti. Goowwumma hamaadha. Goowwan goowwadhuma. Hin hubatu. Hin hubachiisu. Nan beeka garmaalenu goowwummadha. Waan beektu beektus waan hundumaa akka nama beekuuti of dhiyeessuun immoo yaadaa ogummaa dhaabuun wallaalumma ati beekumsaa qabdu irraati qabdu ibsa. Amalli namoota sirritti bilchaatani wanti namoonni godhan kamtu sirrifi sirri miti kan jedhu haalumaa isaan ittin waan sana hojjetaanifi bu'a isaan argamsiisan irraati hunda'e murteessa malee ilaalchuma anatu caalaa qofan, inni an jedhe haa ta'u qofa irra ka'un duuchadhumaati wanti kun sirridha sirri miti hin jedhu. Akkata ilaalcha ofii qofarraati hundaa'un dhugaa waan tokko dhoksaanifi ilaaluu dhaabun murteessun amala anamummaa hamma malee nu keessatti guddate jiru ibsa. 


Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post