Miidhaa dhiphachuu



Hin dhiphatiin (Don't be stress please)

Dhiphinni miidha akkamii sammuu keenya irraan gahuu danda’aa?

Miidhaa dhiphachuun sammuu keenya irratti qabu keessa gurguddoon:
1. Dhiphinni yeroo dheeraaf yoo sirra ture dhibee sammuu sitti dabaluu danda’a.
2. Haala caasa sammuu jijjiiruu danda’a.
3. Seelota sammuu ajjeesuu danda’a.
4. Seelii sammuu ciciruu danda’a.
5. Meemoorii sammuu kee ni miidha.

Furmaanni maalii?
Guutuu guututti dhiphina ofiirra ittisuu hin dandeenyu. Garuu mallattolessaa xiqqessuu dandeenya, isaan kessaa muraasni:-
1. Nyaata salphaa kan kuduraaleefi muduraleetiin badhaadhe nyaachuu,
2. Qorichoota ajaja ogeessa fayyaan ala ajajamuu fudhachuu dhiisuu. Keessumattuu, qorichoota sammuu nama dadamaqsanifi sammuu nama mukeessan fudhachuurraa of eeguudha. 
3. Sochiin qaamaa baay'eemurtessaadha. Dhiphina qofaaf osoo hin taane dhibeewwan biraafille sochiin qaama daraan barbaachisaadha.
4. Hirriba gahaa rafuufi yeroo baratametti rafu. Qorannoo hedduun akka raagessutti muuziqaa dhaggeeffachuun dhibee dhiphinaa hin hir'isu. Dhibeen kun kanan olitti yoo namatti cima ta'ee gara mana yaala deemuun gorsa ogeessa fayyaa fudhachuun murtessaadha.       
     ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!

Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post