Wantoota soomana balleessan


 1.Nyaatuu fi dhuguu:

Namni tokko afaaniin waan faayidaaf nyaatamu fi

dhugamu yoo gad dabarse soomanni isaa bade.

Akkasuma waan isa miidhus yoo tahe afaaniin gad

dabarsinaan soomanni ni bada. Fedhu Summii

haa dhugu, biyyee haa nyaatu soomanni isaa

bade.Osoo beekhu, itti yaadee waan nyaatamuu fii

dhugamu garatti dabarsinaan soomanni isaa hin

jiru.

2.Beekaa if haqqisiisuu

Namni beekaa if haqqisiise soomanni isaa bade.

Haqqisaan sun xiqqaa haa tahu guddaa, beekaa of

haqqisiisnaan soomanni ni bada.

3.Heeydii fii Dhiiga dhalaa

Heeydiin aduun seenuun dura daqiiqaa muraasa

kheeysatti yoo dhuftes soomanni ni bada.

Soomana guyyaa sanii kafaluun dirqama taha.

 4. Laalcha hammeessuun dhangala’aan sanyii qaama namaa irraa bahuu.

 5. Haadha manaa woliin qunnamnii dalaguu.

6. İrraanfatanii nyaata eegalanii erga yaadataniillee dhiisuu didanii dhiisuun dirqamaa miti sehanii nyaata itti fuufuu. 

7. Niyyaa soomanaa beekaa dhiisuu ykn diduuu. 

8. Islaamummaarraa gara galuu RABBI NU HAA EEGU. 

Wanti asii olitti dubbatame kun martinuu sooma bade deebisuu malee adabbii hin qabu lama malee,isaanis; 

  •  Haadha manaa woliin wol qunnamuu. 
  • Rakkoo tokko malee beekaa nyaachuu.

 Kuni lamaan sooma bade deebisee adabbiillee adabama. 


Oronet Technologies

Post a Comment

Previous Post Next Post