HIRIYYUMMAA JAALALA Fi GAA'ILA KEESSATTI WAL DHABDEEFI FURMAATA ISAA
Dhalli nama ba'aa ofii isaatii baachuu dadhabee bara inni gargaarsa nama bira gaafatu kana keessatti, guyya guyyaatti ofiisaa wajjin wal lolee of ajjeesuu akka jabinaatti bara itti lakkaawwatu kana keessatti, yommuu wal dhabdeen isin gidduuti uumamutti nama biraa furmaanni ni argama jettanii gara alaatti hin fiiginaa.
"Xiqqoon dubbaadha naaf haa salphatu" "gorsan fudhadha jedhen" jechuudhaan hir'ina isin giddduuti uumaman tokko tokko, dadhabina fi iccitiiwwaan maatii keessanii gara alaatti baasuun ofitti faraaduudha. Dadhabinni maatii gidduudhaa ba'ee odeeffame gara maatiitti kan deebi'u furmaata qabatee utuu hin taanee, dandeetti oduu namootni qaban kuufachuudhaan, rakkoowwan bu'aa ba'ii jaalalaa dachaadhaan dabalan guurratee dhufa. Kanaafuu wal dhabdeen isin gidduudhaa ba'ee alatti hin faca'in. Isin gidduudhaa akkumaa ka'e isinuma gidduuttu haa dhumu. Furmaanni isaa dhiifama, gochuu, ogummaa godhachuu, obsa, mataa ofiif dursa kennuu dhiisuu fikkf dha. Nagaa jaalala isin lamaan gidduudhaa dhibee nama sadaffaa irra argachuu hin dandeessan.
Yommuu gidduu keessanitti balleessaan argamuu badii sana wal irra kaa'uuf hin fiigina. Raakkoon jaalalaa yoom iyyuu warra gaa'ila sana dhaabbate lamaaniif qooda wal qixa qaba. Eenyuyyuu ofiisaa yakkamaa godhee amanuu hin barbaadu. Namni hundumtuu ofiisaa oolchee bilisaa tasisuuf fiiga. Addunyaa gaa'ila keessatti garuu namni of oolchuuf fiigu akka waan of balleessuuf fiiguuti. Hidhatasaatiif jedhe ofiisaa yakkamaa godhee kan dhiyeessu garuu michuusaatiif jedhe qooda ofiisaatii kan dhiisuu nama gaaffii fi jireenyaa gaa'ila akka gaariitti hubaatedha. Siif garuu of oolchuf fiiguu utuu hin ta'in hidhatasaatiif jedhe ofiisaa akka yakkaamatti lakkaa'uudhaan rakkoo uumameef hiika barbaaduun furmaata filannoo hin qabne haa ta'u.
Haati manaafi abbaan manaa wal lolanii, yaalii jaarsoliifi namoota hedduutiinis yoo walitti araaramu dadhaban, darbee darbe garuu bakka namni biraan isaan gidduu seenuu hin dandeenyetti walitti araaramanii gaa'ila isaanii haareffachuu danda'uunsaanii ifaadha. Kunis kan argisiisu wal dhabdees ta'e waliigalteen isaan gidduu alaa kan isaan gidduu seenuu utuu hin ta'in isaan gidduudhaa gara alaatti ba'ee kan mul'atu ta'uu isaati.
Yaadannoo gaddaa qabdan odeessuun dirqaama yoo ta'e, haasaan keessan sun dhimma hriryyummaa keessanii kan balleessuufi hiriyaa keessan isa dhiyeenya itti hidhattan gorsuu tasumaa hin barbaachiisu. Lamaanuu keessan itti dhiyeenyaan waan beekuuf, balleessaafi hir'ina keessan, dadhabina keessanis gadi fageenyaan hubatee jira waan ta'ef ariifatee isin keessaa nama tokkotti murteessu ni danda'a. Murteessuuf ija jabaachuu danda'a. Qabeenya walitti dhiyeenya isaaniitiin horatan gargaaramuudhaan waan faayidaa argatan itti fakkaatee, utuu of irratti hin beekin miidhamuu danda'u.
Kanaafuu waa'ee dhimma gaa'ilaa keessanii hiriyoota walitti siqeenya guddaa waliin qabdan utuu hin ta'in gorsitoota gaa'ilaa, nama naannoo keessanitti hawaasni dubbii isaa dhagaa'uuf, nama itti gaafatamaa gaa'ilaa haalaa gaariidhaan ba'atee hojiidhaan argisiisee haasofsiisuun filatamaadha. Namni hundumtuu manasaatti gammadee jiraatee, gaa'illisaas gufuu kan hin qabne, isin qofti kan miidhama keessa jirtan isinitti hin fakkaatin. Nama tokko tokkotti xaaxaa manaafi gaa'ilaa baachuu utuu hin ta'in dhaga'uun iyyuu itti ulfaata. Walii galuu dadhabuu qofatu gadheedha utuu hin ta'in, wal dhabde balleessuu irra wal cufuufi walirra wal daangeessuunis baayyee gadhee ta'uu isa hubaadhu!
Gaa'illi gaaddisaa da'oo kan jalatti quunnamtii saalaa raawwatan utuu hin ta'in jireenyaa michummaafi tokkummaati. Michummaa kana jalas hiriyyummaa dhugaa, jireenya garee, jireenyaa wal affeeruu, hafuuraa inni tokko isa kaan ittin gargaaru, wal danda'u, obsa, waliif amanamuu, miira wal fakkaata tapha jaalalaaf gargaaru, tokkummaa gammaachiisafi iyyaamni jaalalaa jalatti hammatamee jira.
Waan dubbistaaniif Galatoomaa!!!
Tags
Love